Afaan Oromoo | Oromo

The Orange Door hookkara maatiitiif, akkasumas maatii wayyoomaa fi guddina daa’immaniif deeggarsa barbaadaniif gargaarsaa fi deeggarsa ni kenna. Information about The Orange Door in Oromo.

Odeeffannoo Afaan Oromoon

The Orange Door hookkara maatiitiif, akkasumas maatii wayyoomaa fi guddina daa’immaniif deeggarsa barbaadaniif gargaarsaa fi deeggarsa ni kenna.

Yeroo tokko tokko wantootni mana keessa yookaan hariiroon keessa jiran GAARII waan hin taaneef gargaarsaa fi deeggarsa tokko tokko si barbaachisa. The Orange Door isin dhaggeeffachuu fi deeggarsa isin barbaachisu saffisaa fi salphaatti akka argattan isin gargaaruuf as jira.

Yoo balaa battalaa keessa jirta tahe, Zeeroo Sadiitti (000) bilbili.

The Orange Door gargaaruu danda’a, yoo:

  • Warroomuu irratti gargaarsa si barbaachisaa, yookaan waa’ee wayyoomaa yookaan guddina daa’ima yookaan oladeemaa si yaaddessa.
  • Namni sitti dhihoo jiru tokko kan akka hiriyaa gaa’elaa kee, hiriyaa gaa’elaa duraanii, miseensa maatii kee yookaan kunuunsituu si sodaachisaa yookaan nageenya si dhorkaa jiraachuun sitti dhagahama jira.
  • Ati daa’ima yookaan oladeemaa nageenyi yookaan kunuunfamuun itti hin dhaga’amnedha.
  • Amala nama miidhu yookaan to’atu fayyadamta yoo tahe ykn mana ykn hariiroo waliin jireenyaa keessatti dhimma baata yoo tahe ati gargaarsa si barbaachisa.
  • Nageenyummaan nama beektuu si yaaddessa.
  • Amala akka namni bakka deemtu si hordofuu, eenyuun akka daawwattu yookaan akkaataa maallaqa itti baastu to’achuu dabalatee hokkarri maatii si mudateera.

The Orange Door karaalee armaan gadiin si gargaaru danda’a:

  • Si dhaggeeffachuu fi yaaddoowwan kee maal akka ta'an dhaga'uu.
  • Gargaarsaa fi deeggarsa si barbaachisu adda baasuuf si waliin hojjechuu.
  • Wayyoomuu fi guddina daa’immanii fi oladematiin isin deeggaruu.
  • Siifi ijoollee kee nageenya akka qabaataniif karoora nageenyummaa akka baafattu si gargaaruu.
  • Tajaajiloota gargaaruu danda’an, kanneen akka gorsaa, bakka jireenyaa, deeggarsa hookkara maatii, tajaajila fayyaa sammuu fi qoricha sammuu namaa hadoochuu fi alkoolii, gareewwan deeggarsa warraa, tajaajilawwan daa’immaniif, gargaarsa maallaqaa, yookaan gargaarsa seeraa wajjin si wal qunnamsiisuu.
  • Baasiilee jireenyaa bu’uuraa fi baasii biroof maallaqa akka argattu si deeggaru.
  • Mana keessatti yookaan hariiroo keessatti amala nama sarbuu yookaan to’atu yoo fayyadamte akka jijjiiramtu si gargaaruuf si waliin hojjechuu.

The Orange Door akkamittiinan argadha?

The Orange Door Wixataa hanga Jimaataatti sa'aatii 9am hanga sa'aatii 5pm’tti banaadha (yeroo ayyaanotaa ni cufama).

Tajaajila naannoo keessanii argachuuf bakkaan yookaan koodii poostaadhaan barbaadi.(opens in a new window)

Gargaartota qunnamtii yoo fayyadamtan yookaan Auslan dabalatee nama Afaan hiiku yoo barbaaddan The Orange Door si waliin hojjechuu danda’a.

Nama Afaan hiikun barbaada

Nama Afaan hiiku yoo barbaadde tajaajilaaf beeksisi. Mee ajaajilichi haa beeku:

  • lakkoofsa bilbilaa kee
  • afaan kee
  • bilbiluuf yoom akka mijatu.

Sana booda namni Afaan hiiku tokko siif bilbila.

Tajaajilli The Orange Door anaaf bocamee?

The Orange Door namoota umurii, saala, saalummaa, aadaa fi dandeettii kamiyyuu qaban ni simata. Filannooleen aadaa fi amantii hunduu ni kabajamu. Hojjetaa dhiiraa yookaan dubaraa wajjin hojjechuu yoo barbaadde hojjetaa sana beeksisi. The Orange Door fedhiilee adda addaa namoota dhuunfaa fi maatii guutuuf tajaajilawwan aadaa hedduu, tajaajilawwan LGBTI fi tajaajilawwan qaama miidhamtootaa waliin hojjeta. Hojjetoonni waa’ee filannoowwanii odeeffannoo siif kennu akkasumas tajaajila si barbaachisuun si qunnamsiisu.

Yoo godaantuu yookaan baqataa taate yookaan bakka jireenyaa dhaabbataa hin qabne ta’e ammas si gargaaruu dandeenya. Sababa haala godaantummaa keessaniitiin deeggarsa barbaaduu hin sodaatinaa, Kun tajaajila bilisaati. Haala keessan bilbilaan yookaan qaamaan mari’achuu yoo barbaaddan hojjettoota The Orange Door beeksisaa.

Yeroo The Orange Door hin banamne eessa deemuun qaba?

Sa’aatiilee kannneen ala tajaajiloota armaan gadii qunnamaa:

  • Tajaajila Olergii Dhiiraa (Men’s Referral Service) 1300 766 491 (8am-9pm Wixataa-Jimaata fi 9am-6pm Sanbataa Dilbataa fi Ayyaanota Uummataa) (Tajaajila bilbila hookkara maatii dhiiraa, odeeffannoo fi olergii)
  • Safe Steps tajaajila deeggarsaa miidhamtoota hookkara maatii 1800 015 188 (sa’aatiilee 24, torbanitti guyyaa 7). Akkasumas Safe Steps(opens in a new window) dhaaf imeeli erguu dandeessu yookaan tajaajila deeggarsa toora web chat(opens in a new window) isaanii fayyadamuu dandeessu
  • Sarara gargaarsaa Miidhaamtoota Yakka (miidhamtoota yakkamaa fi dhiirota ga’eessota miidhamtoota hookkara maatii hundaaf) 1800 819 817 yookaan 0427 767 891 barreessaa (8am-11pm, guyyaa hunda)
  • Sararri Rakkoo Miidhaa Walqunnamtii Saalaa miidhamtoota miidhaa saalaa 1800 806 292 (sa'aatii 24, torbanitti guyyaa 7)

Yoo ati yookaan namni biraa balaa battalaa keessa jiraate, gargaarsa hatattamaa argachuuf Zero Sadeen (000) bilbili.

Duubdeebii fi Iccitiin eegamuu

Waa’ee muuxannoo The Orange Door wajjin qabdu unka yaada kennuu toora interneetii(opens in a new window) orangedoor.vic.gov.au/feedback(opens in a new window) fayyadamuun yookaan 1800 312 820 bilbiluun hojjetaa kee, hordofaa yookaan hogganaa kee akka dubbachiistu gaafachuudhaan yaada kennuu dandeessa.

Iccitii dhuunfaakee ciminaan eegna. Odeeffannoo kee akkamitti akka itti fayyadamnu baruuf, maaloo imaammata keenya iccitii irratti qabnu(opens in a new window) ilaalaa.

Updated